HARARI ሐረሪ ክልል ሀረሪ ሑስኒ Naannoo Hararii
Ethiopian Peacemaking Database
In Harari, we showcase the Gosummaa Practice of the Oromo people.

Ethnic Group: Oromo
Name of Reconciliation: Gosummaa (Damiinummaa)
Location of Reconciliation Process: Harar
About Gosummaa:
Gosummaa jechuun ammo karaalee ittiin araara buusan kan oromoo naannoo Hararii akka dhiigni isaanii walitti dhihaatutti duri irraa eegalee hortee irraa dhalatan; abbootii isaani irraa odeeffachuun dhalootarraa dhalootatti dabarsaa gosa ykn balbala adda addaatti wal waamuudhaan yeroo rokkoo ittiin wal deeggaaruu fi walitti bu’insa uumame dura-bu’aa gosa sanii kan Damiina jedhamuun hogganamuun kan ittiin araara buusan jechuudha.
Gosummaan (Damiinummaan) gosti takka Damiina (dura bu’aa gosaa) tiin durfamuun murtiilee kennamtu hunda kan hammate fi murtii mana murtiitiin malee godhamu jechuudha. Araara buusuu keessatti jechi gosummaa yokiin Damiinumma jedhu kun bakka wal bu’uudhaan kan fayyadaniidha. Namootni wal-lolan ykn wal-dhaban kallattii mataa isaaniin damiina gosa isaani yaamuudhaan bakka tokkotti gaaddisa jalatti wal gahanii kan walitti araarsan ta’a. Damiinni gara lachuutu karaa hundaanuu gosa isaanii haa dursan malee garuu kan dubbachuu fi murtoo kennuu qaban dhugaa fi dhugaa Rabbii qofa irratti hundaa’uun malee namoota garee gosa isaanirraa ta’eef falmuudhaan miti; kun safuu dha!. ‘Damiina’ jechuun ofiifiyyuu nama hayyummaa qabuu fi haqa hojjetu akka ta’e hubatamuu qaba.
Damiinni gosa namticha yakka raawwatee kun yookiis nama yakka ajjeechaa raawwate kana qabanii of biratti dhiheessuun yookiin qaama sadaffaa bira amaanamummaadhaan akka turu ni taasisu; sana booda Damiinni gosa lameenuu warreen beekamoo ta’an Abbaa Bokkuu kan jedhaman sagal dabalachuudhaan akkaataa yakki itti rawwatamee fi bifa yakki itti raawwatame ilaaluudhan seera duraan lafa kayyatan irrati hundaa’un adabbii kan murteessan yookiin gumaan akka kaffalamu kan taasisan ta’a.
Gumaan kan kaffalamuus akkaataa fi bifa ajjeechaan itti raawwate ilaaludhaan diinummaaf moo dogongoraan yookiin tarkaanfii ofirraa ittisuuf godhu keessatti ajjeese kan jedhu sirritti gadi bu’anii xinxaluudhaan gumaan murtaa’a. Gumaan yakka ajjechaa kan diinummaaf namni tokko isa kaan ajjeeseef kaffalamuus loon dhibba tokko fii tokko (101) ta’a. Isa keessaa jalqabarratti loon 12 warra maatii namni irra du’eetiif kan kennamu yoo ta’u innis Raffisaa jedhama, kan dubbii ittiin raffisan ykn maati miidhame ittiin tasgabbeessan jechuudha. Inni hafe 89 akkasuma sadarka sadarkaadhaan yeroo murtaa’a keessatti firoottan isaatif kan kennamee dhumu ta’a jechuudha. Gumaan ajjeechaaf kaffalamuu bifa mallaqaatiin ykn lafti nama yakka ajjeechaa raawwate irra fudhamee maati namni irraa ajjeefameef kennama, yeroo tokko tokko yoo namni ajjeefame kun daa’imman hojjatanii of jiraachisuu hin dandeenye dhiisee kan ajjeefame yoo ta’e inni ajjeese kun hamma daa’imman kun gurguddatanitti kan isaan jiraachisu ta’ee itti murtaa’a. Gumaan kan walitti qabamu gosa nama yakka ajjechaa raawwaterraa kan walitti qabamu ta’a; ta’ullee garuu namni yakka raawwate wanta qaburraa loonis ta’u hamma tokko kennuun dirqama ta’a. Garuu yoo ajjechaan rawwatame dogongorraan osoo itti hin yaadin ykn ofiirraa ittisuf kan ajjeesu yoo ta’e gumaan inni kaffaluus Raffisaa qofa ta’a. Innis loon 12 jechuudha. Guyyaa dhumaa kaffalttiin gumaa warreen miidhameef ittii kennamutti damiinaa fi abbootiin bokkuu salgaan damiina wajjin jiran iddoo mijataa mana nama qaama sadaffaa (gosa biraa) irraa ta’e ni filatu. Inni yakka ajjeechaa raawwate beeylada irraa wanta tahe wahii qalee foon horii sanii maatii namni irraa ajjefamee wajjiin bakka tokkotti erga nyaataniin booda gareen laamaanuu har’a booda irra deebi’anii akka wal hin miinee fii garaa qulqulluun akka walitti araaraman godhee irbuu isaan naquun ni xumuran jechuudha.